20/07/2026
Biyya Abbaa fi Akaakileedhaan Wal dhaachisuudhaaf Akka Jaraaf ta’utti Ijaarratan Miidhaa fi Cunqursaadhaan Utuban Jijjiiruun dirqama Ta’a.
Obboleessi kiyya kun Torban Tokko dura, Rakkoo Hawaasa Muslimaa Kan ta’e Dhimma Autobisiiwwan Biyya Keenyaa Ilaalchisee, Rakkoolee Akka Dhimma Salaataa fi Kabaja Namoomaa Yeroo Karaa deeman Mudatan, Akka Furamuu qabuuf Kallattii Garaa garaan Qabsaawaa Ture.
Kanuma Irraa Ka’uudhaan Obboleessa keenya kana walloo Irraa Gara Finfinneetti Fiduudhaan Dhaabbata Nur bus Waliin wal barsiifnee, innis Hundeessaa fi Abbaa Qabeenyaa dhaabbatichaa Ta’ee Nutti dabalamee Jira, Yeroo Muraasa booda Hojii ni eegalla.
Dhaabbilee Geejjibaa Hedduu jaraa Yoo fudhanne, Ummanni keenya Qabeenyaa Kana Keessaa gahee hin qabu, Abbaan Qabeenyaa dhaabbatichaa Garee Biraati, Fayyadamtoonni Ummata Keenya, Kan Rakkataa Jirus Ummatuma keenya.
Kanaaf Dhaabbata Rakkoo Hawaasa hundaa furuu danda’u Dhaabbata Sadarkaa Biyyaatti, Dorgomaa fi Cimaa Ta’e , Dhaabuu fi hundeessuu Irratti argamna,
Insha Allah Umrii Dargaggummaa Keenyaatiin Hawaasa keenya waliin taane, Abbootii Qabeenyaa Dhaabbata Nur bus waliin Rakkoo Dhimma Salaataa fi Kabaja, Rakkoo Mana Nyaataa Yeroo imalaa, Rakkoo Afaan beekaniin Tajaajilamuu dhabuu, Hundaa Ni furra.
Kanaanis Rabbiin Biraas Akkasumas Seenaa Biyya Kana Keessatti Ashaaraa Gaarii Ni barreeffanna.